ONM-ABO 10 Bitootessa 2023
Bitootessa 8, 2023 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii Bahaa cibraan Jaarraa Abbaa Gadaa Baha Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa araddaa Balawaa jedhamtu iddoo addaa Gaara Diimaa jedhamutti waraana tiksitoota impaayera Itoophiyaa sakattaa WBOf bobbaa’an irratti tarkaanfii jabaa fudhatee jira.
Tarkaanfii ganama sa’a 3:00 irraa eegalee hanga halkan keessaa sa’a 2:00tti fudhateen humna diinaa irraa 45 du’aan yoo adabu 21 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Kanneen lola kana irraa hafan baqachuun gara irraa dhufanitti deebi’anii jiru.
Gama meeshaatiin kilaashii AKM 1 hidhannoo guutuu wajjiin moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisaniiru.
Lola kana irratti WBOn loluuf humnootni hirmaatan humna addaa Oromiyaa, Raayyaa ittisa impaayerattii, poolisii feedraalaa yoo ta’an, meeshaan isaan ittiin WBO loluuf fayyadaman Diishqaa, Baazuqaa fi meeshaalee waraanaa adda addaa ti.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii bahaa cibraan jaarraa Abbaa gadaa cichoominaa fi murannoon dura dhaabbachuun lola gaggeesseen ofi irraa deebisee jiraachuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof!
