• Mon. Mar 27th, 2023

Waraanni bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa aanaa Galiilaa keessatti Dooktera tokko ajjeesuun namoota afur madeessan

Mar 11, 2023

ONM-ABO 11 Bitootessa 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo ajjeesuun hawaasicha sodaachisee siyaasa isaa fudhachiisuuf tooftaa waraanaa godhatee hojjetu, gocha badii isaa kana itti fufuun waraanni isaa aanaa Galiilaa keessatti nama nagaa ajjeesuun kaanis madeessan.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Galiilaa ganda Dagam Sillaasee keessatti Roobii darbe Bitootessa 8, 2023 Dr. Badhaasaa Akkumaa, mana yaalaa banatee achitti hojjechaa kan ture yoo ajjeesan, namoota akka Faqqadaa Moosisaa, Tashaalee Dhaabaa, Biqilaa Kaffaalee, Barsiisaa Jammaaraa kanneen jedhaman rasaasaan rukuchuun cubee qawweenis wawwaraananuun madoo cimaan gatanii deeman.

Kana malees gandichuma keessaa doqdoqqee 2 fi jenereetara 1 saamanii deeman.

Waraanni faashistii PP kun namoota nagaa homaatuu keessaa quba hin qabne waraana bilisummaa Oromoo deggertu jechuun sobaan yakkee ajjeesuu isaatti kan gaddan jiraattotni ganda Dagam Sillaasee, murna bilxiginnaa jalatti lubbuun jiraachuuf wabii dhabuu dubbatu.

Waraanni sirnichaa ofii qabaa, ofumaa qorataa akkasumas murteessee waan fedhe gochaa waan jiruuf bulchiinsa waraanaa jalatti haqa argachuun waan ulfaatuuf haqaa fi mirga keenya eegsifachuuf furmaatni jiru sirnicha irratti falmaa finiinsuu qofa dha jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply