ONM-ABO Bitootessa 13, 2023
Murni waraanaan of ijaaree gadaa aangoo isaa dheereffachuuf dargaggoota impaayerattii sabaan osoo hin qoodin duula isaan hin ilaallanneef leenjii kenneefii bilxiginnaan bobbaasus, miseensotni isaa lubbuu isaa siyaasa namaa fi murna tokkoof hin kenninuun meeshee fudhatanii jalaa badaa jiru.
Keessaayuu ilmaan Oromoo goyomsaa biyya alaa baatuu fi teekinishaanii xiyyaara waraanaa taatuu, akkasumas doorsisaan qe’ee irraa qabaman erga soba sirnichaa arganii haala danda’ameen keessaa ba’u.
Bitootessa 10, 2023 miseensotni waraana bilxiginnaa 2 dhalootaan Oromoo ta’an qawwee AKM Turkii 2 hidhannoo guutuu waliin mooraa waraana bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa magaalaa Jimaatee keessaa sirnicha ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.
Miseensotni waraana bilisummaa Oromoo WBO bira ga’an kun sirnicha sodaachisa garaagaraan tajaajilaa turuutti gaddanii hawaasicha dhiifama gaafachuun lubbuu isaanii osoo hin qusanne qabsoo bilisummaa Oromoof aarsaa akka godhan waadaa galan.
Kana malees ilmaan Oromoo sirnichaaf qawwee baatanii jiran goyomsaa bilxiginnaa dhiisanii qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti akka makaman waamicha dhiyeessaniiru.
Oduma wal fakkaatuun godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Karkareessaa irraa miseensotni waraana bilxiginnaa afur Jimàata darbe Bitootessa 10 reebicha irra ga’aa jiru dheessuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.