• Wed. Nov 29th, 2023

Aanota Godina Baha Harargee keessaa baay’ina dargaggoota leenjii waraanaa deemuu qabanii ol kaasuuf dabballoonni sirnichaa dargaggoota ukkaamsaa jiraachuun beekame 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

Waraanni harkaa diigamuun rifaatuu guddaa keessa kan galan tiksitoonni impaayera Itoophiyaa, Oromiyaa bakkoota hunda keessatti dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessuu kan eegalan bubbulaniiru.

Waraanni murna maafiyaa kana jalatti ijaaramee jirus sirnicha irraa amantummaa dhabuun, moonicha ganee gara isaaf ta’utti imalaa kan jiru yoo ta’u, PPn garuu dargaggoota humnaan ukkaamsuun bakka buusuu irratti hojjetaa jira.

Godina Baha Harargee aanaa Haromayaa Araddaa tokkotti dargaggoota 150 murteessuun fedhii isaanii malee dargaggoota humnaan ukkaamsuun gara leenjiitti ergaa jiraachuu jiraataan aanaa Haromayaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Aanaa Haromaayaa malee aanota akka Dadar, Malkaa Bal’oo, Meettaa, Kombolchaa fi kanneen biroo keessatti gocha wal fakkaataa raawwachaa jiraachuun barameera.
 

Leave a Reply