• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni baha Shaggar ona Boosat keessatti manneen namootaa yoo guban Arsii bahaa aanaa Martii dubartoota gudeeduu hammeessan 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

Giddu gala Oromiyaa baha shaggar ona Boosat naannawaa ganda Haraa jedhamutti waraanni faashistii Abiy Ahimed Bitootessa 11, 2023 abiddan gubanii barbadeessan.

Ganda kana malees ganda Nuuraa Heeraa keessatti miidhaa jajjabaa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, gandicha keessatti maqaa WBO nyaaftanii fi obaaftaniin dararaan hawasa irraan ga’aan jabaachuun uummatni qe’ee gadhiisee baqachaa jiraataan aanichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Oduu biraatiin ammoo kibba baha Oromiyaa godina Arsii bahaa ona Martii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed hawaasa dararuu itti fufuun gandoota baadiyaa  aanichaa keessatti manneen namootaa irra halkan deemuun dubartoota humnaan gadi baasanii gudeedaa jiraachuu dubatu.

Keessattuu ganda Wataroo Diinoo jedhamu keessatti waraanni faashistii kun hawaasa nagaa akkaan dararuu jabeessuun shamarran 4 gudeedan. Warreen gudeedaman keessa daa’imni waggaa 13 tokko dhiigni dhaabbachuu diduun miidhaan ulfaataaf saaxilamuu jiraattotni dubbataniiru.

Leave a Reply