ONM-ABO Bitootessa 14, 2023
Murni caasaan isaa sadarkaa olii hanga gaditti harkaa laaffachuun humni siyaasaa fi waraanaa harkaa wal rukute bilxiginnaan, dargaggoota leenjii waraanaaf marsaa marsaan fe’uu akkasumas kaabinootaa haaromsa Naqamtee, Jammaa fi Adaamaatti kennuuf malee marsaa kana caasaa isaaf leenjii mooraa Awaash Arbaattii kennuuf waamee jira
Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanota godinichaa hunda irraa guyyoota 29f leenjiin mooraa leenjii waraanaa Awaash Arbattii kennamaaf.
Qaamotni leenjii garas deeman waajjira nageenya fi bulchiinsa godinaa dabalatee aanaalee hunda irraa waajjira nageenyaa, bulchiinsa aanaa fi polisootni idilee warreen leenjii deeman yoo ta’u guyyaa har’a Bitootessa 14, 2023 irraa eegalee imala akka eegalan barameera.
Caasaa murna bilxiginnaa leenjiif deemaa jiran kan hogganan Waajjira dhimma nageenyaa godina Qellem Wallaggaa obbo Tasammaa Waariyoo keessatti argamu kanaan, uffata ispoortii fi kophee qabadhaa kottaa itti jedhamuu odeessi keessoo isaanii arganne ni addeessa.
