• Sat. Sep 23rd, 2023

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti lubbuun nama tokko balaa tiraafikaan darbe 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

Du’aatiin impaayerattii keessaa kan hin dhaabbanne, guyyaatti rasaasaa fi of ajjeesuun du’uun cinaatti balaa tiraafikaan miidhaan uummata irratti qaqqabus hammaataadha.

Akka kanaanis guyyaa kaleessaa 13, 2023 godina addaa Oromiyaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa Gujee bakka addaa naannoo Warshaa Finjaalaa jedhame beekamutti dargaggoon tokko baala konkolaataan lubbuun isaa darbeera.

Dargaggeessi balaa kanaan lubbuun darbe Lalisaa kan jedhamu yoo ta’u, dhalootaan Oromiyaa godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarati.

Impaayerattii keessatti miidhaan balaa konkolaataan mudatu hedduu yoo ta’u, sababootni isaa konkolaachistotni ga’umsa malee waraqaa konkolaachistummaa maallaqaan bitachuu fi matta’aa poolisii tiraafikiin kennamuun akka ta’etu dubbatama.

Ibsa dhaabbanni fayyaa addunyaa Waxabajjii 2022 baaseen tilmaamaan namootni miliyoona 1.3 balaa tiraafikaan lubbuu isaanii dhabu.

Impaayera Itoophiyaa keessatti rakkoolee ijaarsa daandii, malaanmaltummaa fi ga’umsa konkolaachistootaan wal qabateen guyyaatti lubbuun hedduun badaa yoo oolu, akka ibsa koomishinii poolisii Itoophiyaa bara 2021 qofa keessa namootni 4161 lubbuun darbuu ibsa yeroo sanaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply