• Sun. Oct 1st, 2023

Waraanni faashistii PP godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa keessatti haadha tokko shaniin gudeedan 

Mar 14, 2023

ONM-ABO Bitootessa 14, 2023

Safuu, aadaa, naamusaa fi seeraaf kan hin bulle waraanni murna faashistii PP qe’ee Oromoo keessatti bobbaafaman cufatti shamarranii fi hawwan Oromoo dirqiin gudeedaa jiru.

Haala kanaanis Bitootessa 11, 2023 godina Gujii lixaa aanaa Dugdaa  Daawwaa ganda Dhuqqisaa  Magaadaa iddoo addaa Geledee jedhamu keessatti waraanni bilxiginnaa haadha  tokko kan maqaan ishee Samaloo Ginfiroo  Geedoo jedhamtu loltoota shaniin gudeedanii jiru.

Waraanni  bilxiginnaa maqaa olaantummaa seeraa kabachiisnaan bobbaafaman qe’ee Oromoo maratti dhiiga ol adeemtotaa hanga maanguddootaatti dhangalaasaa ooluun cinaatti wantoota Oromoo gidduutti salfatamaa ta’an cufa aadaa fi safuu Oromoo cabsanii afaan qawween raawwachaa oolu.

Gocha fokkisaa waraana bilxiginnaan raawwatu kanas hawaasni naannichaa qaama itti himatu hin qabu, yoo kan himatan ta’es hogganni waraana faashistii namoota sana reebuun waraana bilisummaa Oromootu maqaa balleessaa jedhee isin erge jechuun hidhatti waan darbaniif miidhaa isaan irra ga’e qabatanii taa’aa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply