• Sun. Oct 1st, 2023

Dargaggootni Oromoo sababa humnaan leenjii waraanaaf qabamaa jiraniif qaamolee nageenyaa bilxiginnaa baqachuun hojdhabdummaa hamaaf saaxilamanii jiraachuu dubbatu

Mar 15, 2023

ONM-ABO Bitootessa 15, 2023

Murni afaan qawween aangoo isaa tikfachuuf ilmaan Oromoo humnaa fi goyomsaan qabee leenjii waraanummaa kennuufiin adda waraanaatti baasee aarsaa hin barbaachifne kafalchisaa jiru, har’as rakkoolee impaayerattii keessa jiru karaa nagaan fixa jechaa haadholee Oromoo jalaa dargaggoota qabee leenjii waraanaatti erguu hin dhaabne.

Torbee darbe irraa qabuun Oromiyaa cufa irraa dargaggoota humnaa fi goyomsaan leenjii waraanaatti ergaa waan jiraniif dargaggootni hedduun qe’ee isaanii dhiisanii  baqachaa jiru.

Sababa kanaanis hojii hojjetanii of jiraachisa dhiisuun hojdhabdummaa hamaa fi maatii isaanii irraa fagaatanii baasii dabalataaf saaxilamuun barameera.

Magaalotaa fi baadiyaalee murni bilxiginnaa keessa socho’u keessatti caasaa nageenyaa akka baqachaa jiran kan nuuf himan dargaggootni Oromoo, qe’ee abbaa isaanii irratti mirga jiraachuu danqamuu dubbatu.

Caasaan murna bilxiginnaas aanaalee to’annoo isaanii jala jiran irratti baay’ina dargaggoota barbaadanii ramadanii qaamolee nageenyaa mana uummataa jala bulchuun dargaggootni yeroo manatti deebi’an qabanii fe’aa waan jiraniif, sababa kanssf dargaggootni hedduun qe’ee isaanii gadhiisanii bakkoota adda addaatti rakkoo jireenyaaf saaxilamaa jiraachuu odeessi Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa ba’u ni addeessa.

Leave a Reply