ONM-ABO Bitootessa 15, 2023
Diraamaan araara sobaa bilxiginnaan qopheeffate harkatti fashalaa’uun hidhamtoota siyaasaa godinaalee Oromiyaa irraa fi namoota maallaqaan bitanii mooraa leenjii Sanqalleetti leenjisuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon galchuuf turanitti turtii baatii tokkoo dabalanii jiru.
Namootni diraamaa sobaa waamicha mootummaan naannoo Oromiyaa nuuf godheen galle jedhanii akka dubbataniif mooraa Sanqalleetti leenjii fudhachaa turan kun Jimàata darbe Bitootessa 10, 2023 eebbifamuuf sagantaan qabameefii ture.
Sagantaan eebba isaanii diraamaan araara PP durfamee waan irratti barameef mala biraa qopheeffachuuf ji’a tokkoof akka tursiifaman kan dubbate maddi keenya dookumantii haaraa ji’a tokkoof ittiin leenjisan guyyyaa kaleessaa Bitootessa 14 eegalchiisuu ibseera.
Oduma bilxiginnaa keessaa osoo hin baane, Shaggar Kibba lixaa mooraa Xoolaayii irraa KM 8 irratti kan argamtu ganda Silki Ambaa jedhamtu irratti kaleessa Bitootessa 14 naannoo sa’a laaqanaa gubbaatti WBOn waraana bilxiginnaa waan haleeleef kaabinootni PP naannichaa gara magaalaa Finfinneetti baqachaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.
Miseensii waraana rayyaa ittisaa 1 fi poolisoota humna addaa Oromiyaa 2 Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo fi Lixa Wallaggaa Lataa Sibuu irraa gooticha waraana bilisummaa Oromootti harkaa kennaatan.
ONM-ABO Bitootessa 15, 2023 Mooraan waraana bilxiginnaa guyyaa gara guyyaatti diigaamuun itti fufuun miseensonni waraana isaa sirnichaa gananii ba’uun gooticha waraana bilisummaa oromooti harkaa kennaachatti jiru.
Ilmaan Oromoo humnaan ukkaamsuunii fi dantaan gowwomsee gara dirree leenjiitti erguun hojii loltummaatiin sirnicha akka tajaajilaniif bobbaase, gocha badii sirni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwatu irratti dammaquun meeshaa fi hidhaannoo isaanii fudhaatanii gara qabsoo saba isaaniitti deebi’aa jiru.
Kaleessa Bitooteessaa 14, 2023 godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo mooraa waraana bilxiginnaa 07 keessaa miliquun miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee turkii 1 hidhaannoo guutuu waliin gooticha waraana bilisummaa Oromootti harkaa kennaachun simannaa hoo’aan taasifameefii jira.
Miseensotni waraana bilxiginnaa sirnicha ganuu itti fufuun poolisootni humna addaa Oromiyaa 2 qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin godina Lixa Wallaggaa ona Lataa Sibuu irraa mooraa diinaa gananii WBOtti makamanii jiru.
Miseensotni waraana bilxiginnaa kun yeroo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa turettii gocha hamaa osoo beeknus ta’e, osoo hin beekin ilmaan Oromoo irratti raawwanneef carraan kanaan uummata Oromoo dhiifama gaafachaa ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii achitti hafaniinis keessaa ba’anii gara qabsoo saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamaa jirutti akka deebi’an dhaamsa dabarsaniiru.
