• Tue. Dec 5th, 2023

Godina Qellem wallagga aanaa Gawwoo Qebbeeti waraannii bilxiginnaa saamiicha yoo hameessaan, aanaa Jimmaa Horroo keessaatti ammoo ilmaan Oromoo irratti hidhaa fi dararrii jabeessan

Mar 15, 2023

ONM-ABO Bitootessa 15, 2023

Ilmaan Oromoo saamuu fi hidhuu Kan adeeffaate waraanni murna bilxiginnaa, ilmaan Oromoo maallaqa dabalate miidhaan nyaata kufaatan saamamaa fi nagaan ba’anii galuunis erga itti ulfaatee waggoottan lakkoofsiseera.

Bitooteessaa 13, 2023 waraanni uummaata Oromoo goolu, godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee bulchiinsa magaalaa Arroojjii buufatee jiru manneen namoota irra deemuun miidhaan keeshaa 30 ol saamaanii jiru.

Oduu biraatin godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Unee keessatti dargaagoo maqaan isa maammee jedhamuu qabuun reebicha ulfaata erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbaatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti  himaniiru.

Leave a Reply