• Sun. Oct 1st, 2023

Godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti finxaaleyyiin Amaaraa konkolaachisaa tokkoo fi gargaara isaa waliin ajjeesuun, konkolaataas gubuun dhaga’ame

Mar 15, 2023

ONM-ABO Bitootessa 15, 2023

Ilmaan Oromoo irratti yeroo ammaa miidhaa lubbuu fi qabeenyaan waraanni faashistii Abiy Ahimed raawwatuun alatti humni qabiyyee durii deebisnaan of gurmeesse finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’u ajjeechaa sukkanneessaa fi mancaatii qabeenyaa raawwachaa turan itti fufanii jiru.

Manaa nagaan bahee galuun kan itti ulfaate uummanni Oromoo, dachee isaa irratti rakkoo hamtuu arguun qorqalbiin miidhamaa kan jira.


Dheengadda Bitootessa 13, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa naanoo addaa Guuttinii fi abbaa Muusaa giddutti bakka argamtu Mandara 1 jedhamuun kan waamamtu keessatti finxaaliyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman konkolaachisaa tokkoo fi gargaaraa isaa konkolaataa irraa buusuun ajjeesan.


Namootni gocha sukkaneessaa kanaan du’an maqaan isaanii Abbuyyee Gammachuu konkolaachisaa fi Darajjee kan jedhamu ammoo gargaraa yoo ta’u isaan lamaan erga ajjeesaniin booda konkolaataas jalaa gubanii deeman.

Oromoof Oromummaa balleessuuf sirni bilxiginnaa Oromiyaa keessatti jeequmsa uumee ofii jiraachuuf jecha bakkoota garagaraa irraa humnoota adda addaa waamuuun Dhiiga lammiilee Oromoo dhangalaasuu tapha siyaasaa godhatee itti fayyadamuun lubbuu qulqullootaan taphachaa jira.

Leave a Reply