• Tue. Dec 5th, 2023

Godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti dhukkubni gifiraa namoota yoo ajjeesu waraanni bilxiginnaa nama tokko aanaa Qilxu Kaarraa keessatti galaafate

Mar 15, 2023

ONM-ABO Bitootessa 15, 2023

Impaayerattiin waraanneen aangoo isaanii tikfachuuf beela osoo arganii hin jiruu fi humna keenyaan oli mitii akkasumas weerara dhukkuba arganiifis deebii wal fakkaataa laachuun miidhamuu uummataa dhoksanii siyaasa isaanii bareechifatan dhukkuba daddarbaa gifiraa godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti mudate dhoksuun lubbuun namootaa akka obba’u gochaa jiru.

Aanaa Qondaalaa gandoota akka Gumaa Gaara Arbaa fi Kamisee keessatti dhibee gifiraa kun kan jabaate yoo ta’u, hanga ammaatti namootni 27 du’uun 300 fuulli itti madaa’uu jiraattotni dubbatu.

Aanaa Qondaalaa keessatti murni bilxiginnaa tajaajilaa wal’aansaa dhorkachuun dhibee gifiraa malee dhukkuba buusaniis namootni 3 guyyaatti du’aa akka jiraan dabalataan ibsaniiru.
Godinuma Lixaa Wallaggaa aanaa Qilxu Kaarraa ganda Guyyoo Saaccii bataskaana Mikaa’elii biratti Bitootessa 13, 2023 galgala waraanni faashistii PP nama maqaan eenyummaan isaa hin beekamne tokko ajjeesuun gatan.

Nama waraanni PP ajjeese gate kana hawaasni naannichaa reeffa kaasuun guyyaa kaleessaa Bitootessa 14 awwaaluu maddeen dabaluun addeessaniiru

Leave a Reply