• Tue. Dec 5th, 2023

Godina addaa Naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa  Buraayyuu caasaan bilxiginnaa jiraatoota baasii adda addaaf saaxile

Mar 15, 2023

ONM-ABO Bitootessa 15, 2023

Murni hojjetoota mootummaa miindaa ji’aa kutaa jechuun, qonnaan  bultoota irraa miidhaa kiiloon guuruu fi jiraattota magaalaa irraa maallaqa funaanu bilxiginnaan, uummata magaalaa Buraayyuutti deddeebu’uun maallaqa funaanaa jira.

Godina addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti Bitootessa 2, 2023 daandii cirracha gurraachaa  kessoo magaalichaa caccabee  suphina jachuudhaan qarshii  2500 hanga 5000 uummata irraa funaanaa turan.

Maallaqni sun eessa ga’een isaa osoo hin beekaminii fi daandiin sunis hin suphamin dheengadda 13, 2023 garaagarummaa guyyaa 12 booda qarshii gadaanaa 500 ol  aanaa 1500 uummatni akka dabalataan kafalu dirqisiisaa jiru.

Hawaasni magaalichaa gama isaaniin maallaqa armaan dura kafalle hoo eessa geessitanii, qaala’iimsa jireenyaa ittiin rakkachaa jirru osoo argitanii akkamiin deebitanii nu gaafattuu jechuun yeroo gaafatan deebii isaan hawaasaaf kennan ifannaa fi doorsisa malee waanti qajeelaan akka hin jirre maddeen magaalaa  Buraayyuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply