• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni faashistii PP godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti uummata saamuu hammeesse

Mar 16, 2023

OfNM-ABO Bitootessa 15, 2023

Faashistichi Abiy Ahimed erga maqaa koomaandpoostiin loltoota isaaf amanamoo ta’an dachee Oromiyaa keessatti bobbaasee uummatni Oromoo iyyaa fi watwaannaa malee nagaa fi tasgabbii hin arganne.

Gareen miidhaa uummata Oromoof of ijaaran bilxiginnaan loltoota farra uummata Oromoo ta’an bobbaasaniin godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa  Hincinnii keessatti Dilbata darbe Bitootessa 12, 2023 uummata midhaan gurgurachuu gabaa dhufe irraa nyaata milishaa jechuun midhaan kiiloogiraamii shan shan dirqamaan irraa fuuchaa turan.

Kana malees guyyuma sana galgala magaalaa Hincinnii keessaa hidhamtoota siyaasaa hedduu halkan mana hidhaa baasanii konkolaataatti fe’uun bakka isaan buusan hin beekamin jiraachuu maddeen aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply