• Sat. Sep 23rd, 2023

Baha Oromiyaa godinoota lixaa fi baha Harargee keessatti lolli sababa daangaa wal qabatu Oromiyaa fi mootummaa naannoo Soomalee  gidduutti geggeeffamu osoo hin dhaabbatin har’as lubbuu akkasumas qabeenya balleessuu itti fufee jira 

Mar 17, 2023

ONM-ABO Bitootessa 17, 2023

Erga bara 2018 booda baha Harargee aanaa Cinaaksan keessatti tarkaanfii fudhachuu kan hin dhaabne hidhattootni mootummaa naannoo Soomalee, dheengadda Bitootessa 13, 2023 irraa qabuun bifa haaraan aanaa haaraa Cinaaksan irraa bilxiginnaan kutuun hundeesse, Makkanisaa Oromoo keessatti lola jabaa geggeessaa jiru.

Lolli cimaan hanga gabaasni kun kaleessa qindaa’etti geggeeffamaa tureen aanaa Makkanisaa Oromoo aradoota akka Geelboob, Eel Ahmaar, Santaa Harree, Usweeynee, Turqeeyloo fi ganda Ahimed Garaad, iddoo jadhamutti lolli cimaan geggeeffame.

Lola kanaanis qabeenyi namootaa barbadaa’uun lubbuun namootas darbeera.

Lolli kun torbee darbees jabaatee geggeeffamuun lubbuu namoota 10 olii galaafachuun qabeenyi kan barbadaa’e yoo ta’u, haala amma mul’achaa jiruun lafti Makkanisaa Oromoo jalatti cite, keenya sababa jedhuun poolisootni humnaan Soomaalee duula bananii akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply