• Fri. Apr 26th, 2024

Godina lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti waraanni maafiyaa PP namoota gooluu itti fufan 

Mar 17, 2023

ONM-ABO Bitootessa 17, 2023

Murni faashistii PP qabeenya uummata Oromoo saamuu fi uummata Oromoo ajjeesuun qorqalbii cabsee bulchuuf waraana kuma dhibbootaan Oromiyaa keessatti bobbaasee qe’ee uummata Oromoo nagaa fi tasgabbii dhorkaa jira.

Akka kanaanis loltoota uummata Oromoo dararuuf ergama badiisaa fudhatanii bobbaafaman kun dheengadda Bitootessa 15, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii gandoota akka Shinoo Iyyesuus, Goolaa fi Jimaataa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun uummata irraan miidhaa ga’aa turan.

Waraanni kun maqaa sakattaa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun gandoota kanatti bobba’uun namoota nagaa siyaasa kam irraa iyyuu hin qabne, waan isaan hin beekneen yakkanii reebaa, saamanii nyaachaa fi doorsisaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himuun hawaasni gandoolee kana gocha waraanni raawwataa tureen qe’ee gadhiisee baqachaa turuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading