• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa fi Maallimaa keessatti waraanni bilxiginnaa geejjiba dhorkachuun uummata rakkisaa jiraachuun barame 

Mar 17, 2023

ONM-ABO Bitootessa 17, 2023

Murni faashistii PP loltoota barcuma siyaasaa isaa eeguuf bobbaafaman fayyadamuun hawaasa Oromoo jireenya itti hadheessaa jira.

Waraanni fedhii nama tokko guutuuf hojjechaan jiran kun torbee kana godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa fi Maallimaa keessatti tajaajilaa geejjibaa hawaasa irraa kutuun uummatni akka rakkatu taasisanii jiru.

Keessaayuu loltootni magaalaa Leemmanii fi Gabbisoo qubsiifamanii jiran uummata baadiyaa magaalichatti marsanii jiran, isin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun hawaasichi geejjiba akka hin fayyadamne taasisan.


Geejjibni aanicha bakkoota garaagaraatti magaalaa irraa gara baadiyaa deemu erga dhaabbates bubbuleera.

Kana malees aanichuma keessatti waraanni nama nyaataan kun caasaa bulchiinsaa waliin ta’anii uummataan gibira kafalaa jechuun qarshii seeraan hin beekamne, akka fedhanitti itti ramadanii irraa guuraa jiraachuun maddeen himuun, rakkoo waraanni Abiy Ahimed uummata nagaa irraan ga’aa jiru hamaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply