ONM-ABO Bitootessa 17, 2023
Nagaa, tasgabbii fi misoomni keessaa baduun sagalee dhukaasaa, leenjii waraanaa, bobbaa fi sodaachisni waraanaa qofti impaayerattii keessaa dhagaa’amuun bara Abiy Ahimed bara waraanaa lammiilee isaa irratti bane ta’e fudhatama.
Waa’een lolaa keessaa kan hin dhaabbanne impaayerattiin har’as milishaaf jecha nama qabuu fi leenjii waraanaatti nama erguu hin dhiisne.
Bitootessa 13 irraa jalqabuun hanga kaleessa Bitootessa 16, 2023tti godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessaa namoota humnaan qabuun leenjii milishummaaf qopheessaa jiru.
Namootni dirqiin hojii isaanii irraa qabamanii jiran keessaa kan maqaa arganne Gammachuu Abshaalee, Geetaachoo Addunyaa, Kaffaalee Gonfaa, Gurree, Ifaa Tolasaa, Muubii Shamsuu, Kadir Adam, Siraaj Addisuu fi Tamasgeen Dabalee ta’uun barameera.
Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa gandoota akka Caffee Angaatuu, Migiraa fi Bokkuu irraa konkolaata TATA 4 fi xiqqoo lamaan dheengadda Bitootessa 15, 2023 dargaggoota leenjii waraanaaf osoo maatiin boo’uu fuudhanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

