ONM-ABO Bitootessa 17, 2023
Finxaaleyyiin Amaaraa Oromiyaa bakkoota dalagaa jireenyaa dhuunfaa isaanii fooyyeffachuuf dhufan cufatti of ijaaruun uummata Oromoo fi qabeenya isaa irraan miidhaa qaqqabsiisu.
Murni qabiyyee abbootii keenyaa deebisnaan hojjetan kun godina kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti ilmaan Oromoo qe’ee isaa irratti doorsisaa fi qabeenya isaa saamuun harka qullaa hambisaa jiraachuu jiraattootni dubbatu.
Aanicha keessatti finxaaliyyiin Amaaraa uummata Oromoo dalagaa dhorkuun hojii qonnaa fi daldalaan ala gochaa kan jiran yoo ta’u, caasaa bilxiginnaa keessatti ijaaramuun akkasumas maallaqaan bituun ilmaan Oromoo maqaa siyaasaan hiisisaa fi mana hidhaatii baasuun dhabamsisaa jiru.
Sochiin finxaaleyyii Amaaraa karaa kaaba Shaggariin taasifamu kan murni bilxiginnaa uummata irratti bobbaasee, bu’aa siyaasaa irraa ittiin argachuuf hojjechaa ture, hammachuun yeroo murni bilxiginnaa Finfinnee dhufanii mootummaa na irraa fudhachuuf jedhee giddu kana komachaa turuun ni beekama.



