ONM-ABO Bitootessa 20, 2023
Dacheen Oromiyaa dachee ilmaan Oromoo irratti gaaffii tokko malee hidhamuu fi lubbuun jiraachuuf wabii dhabe ta’uun akkuma itti fufetti jira.
Umrii aangoo isaa dheeraaffaachuf hidhaa akka tooftaa waraanaatti kan fayyadamu murni bilxiginnaa, Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaa jira.
Torbee darbee irraa eegaluun bifa haaraan godina Qellem Wallaggaa aanaa Dallee Sadii keessaatti waraanni shororkeessaa PP ilmaan Oromoo irratti hidhaa hammeessee kan jiru yoo ta’uu, namoonni hidhaamanii jiran, Laalisa Tafarraa, Buzaaloo Dassaalee ,Abdurhaman Imaamuu fi Naasir Imaamuu dabaalate namoonnii 120 ol yakka tokko malee wajjiraa poolisii magaala Haroo Sabbuutti hidhaamanii jiraachuu maddeen maagalicha Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Odumaa biraatiin ammoo Bitooteessaa 17, 2023 godina Qellem wallagga aanaa Sayyoo ganda Maaxaa keessatti waraanni goleessaa PP maanguddoo ganna 62 obbo Solomoon Mangashaa jedhamu daandii irratti reebuun haalli fayyummaa isaanii sadarkaa yaaddessa irra jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffaateera.