• Mon. Sep 25th, 2023

Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaate 

Mar 20, 2023

ONM-ABO Bitootessa 20, 2023

Murni ilmaan Oromoo impaayerattii bakka cufatti hidhattoota isaa itti bobbaasee miidhaa irraan ga’u bilxiginnaan, mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo irraan dararaa qaqqabsiisuu itti fufee jira.

Keessaayuu ilmaan Oromoo magaalaa Gambeelaa keessa hojiif jiraatan halkan yeroo dalagaa irraa galan reebuu, qabeenya isaanii saamuu fi qabanii hidhaa jiru.

Gocha badii saamichaa fi reebicha qaamni hidhattoota bilxiginnaa naannichaa fi garee hattootaa murni bilxiginnaa ijaareen kan raawwatu yoo ta’u, butanii hidhatti darbuun garuu hidhattootaan raawwata.

Ilmaan Oromoo magaalaattii keessaa qabamanii hidhaman gariin mana hidhaa magaalichaa keessatti dararamaa kan jiran yoo ta’u, gariin ammoo achii qabamanii manneen hidhaa akka Mattuufaatti geeffamuun hiraarfamaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

Leave a Reply