• Tue. Dec 5th, 2023

Qaamoleen murna faashistii Itoophiyaa Godinoota Baalee lamaan keessatti manneetii barnootaa hunda irraa tokko tokkoo barataa irraa maqaa Buusaa Gonofaa jedhuun qamadii kiiloo giraama 5 akka kennaniif dirqisiisaa jiraachuun barame 

Mar 20, 2023

ONM-ABO Bitootessa 20, 2023

Caasaaleen murna faashistii Itoophiyaa godinoota Baalee lamaan keessatti ilmaan qotee bulaa saamaa kan jiran hoggaa ta’u, murnoonni kun maqaa moggaasa wal gargaarsa duudhaa Oromoo durii Buusaa Gonofaa jedhu gargaaramuun gaaddisicha golgaa godhatanii barattoota mana barnootaa godinoota baalee lamaan harkaa midhaan qamadii kiiloo giraama Shan shan humnaan funaanaa jiru.


Akka kanaanis hanga ammaatti maatiin qamadii kiiloogiraamii 100 hin kaffalin kan hin jirre ta’uunis dubbatameera.


Dabalataanis Manneetii barnootaa kanneen keessatti dhiibbaa qaamoleen faashistii PP isaanirraan ga’aa jiran mormachuun bulchiinsa mana barnooticha akkasumas caasaalee hojimaaticha raawwachaa jiran irratti barattootni gaaffii kaasuun taate Sana balaaleffatanis humnoota kanaan qabamanii hidhamanii jiraachuun ibsameera.

Gama biraatiin ammoo murnoonni mootummaa tibba darbe qamadii biyya bakkeetti feena jechuun jiraattotarraa dirqisiisanii gatii xiqqaan bitaa turan milkaa’uu dhabuun warshaalee biyya keessatti gurguraa jiraachuu oduun keessoo isaaniitii miliqxee baate  addeessiteetti.

Sababni taatee kanaas biyyoonni isaan qamadii itti gurgurachuuf qophaa’aa turan michuu isaanii Chaayinaa dabalatee rakkoo beelaa uummata Booranaa fi Gujii waan hubataniif gocha sirnichi uummata biyya keessaa irratti raawwachaa jirutti waan mufataniif ta’uunillee barameera.

Leave a Reply