• Tue. Dec 5th, 2023

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee keessatti waraanni bilxiginnaa qawwee dhukaasuun uummata goolaa turan

Mar 21, 2023

ONM- ABO Bitootessa 21,2023

Kaleessa Bitootessa 20, 2023 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee keessatti sochii Waraana Bilisummaa Oromootu jira jechuun uummata nagaan daldalachaa jiru gidduutti qawwee dhukaasanii uummata bittinneessuun shororkeessaa uumaa oolan.

Keessaayuu aanichuma ganda Kundii keessatti ofii isaanii dhukaasuun uummata dalagaa isaanii irraa manatti galchan.

Sanaanis osoo hin dhaabbatin waraanni bilxiginnaa fi milishootni magaalaa Goree keessa daandii gubbaa olii fi gadi fiiguun uummata daandii gubbaa irraa bittinneessaa turan.

Sababa kanaanis guyyaa kaleessaa qawwee ofii dhokaasaniin uummata goolanii manatti akka galchan kan taasisan yoo ta’u, dhiyeenya kana irraa qabuun Mattuu, Goree fi Buree gidduu konkolaattotaan waraana deddeebisaa akka jiranis maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply