ONM-ABO Bitootessa 21, 2023
Caasaan waraanaa fi kaabinootaa bilxiginnaa akeeka murni federaalaa itti kennuun uummata Oromoo nagaa dhowwachuu fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo sakattanaan uummata homaatuu keessaa quba hin qabne rakkisaa oolu.
Murni bilxiginnaa rakkoo impaayerattiif furmaata waaraa kennuu dhiisuun duula lolaa banuun waggoottan shanan darban lubbuu kuma dhibbootaan harcaasuun qabeenyas mancaase, har’a nagaaf of qopheessuu irra Waraana Bilisummaa Oromoo of keessaa baasaa jechuun uummata rakkisaa jira.
Torbee darbee qabuun godina Baalee lixaa aanaa Diinshoo gandoota baadiyaa irra deemanii uummata waltajjii waamuun WBO of keessa dhoksitanii jirtu, of keessaa baasaa, yoo hin baastan ta’e waliin isin rukunna jechuun qonnaan bultoota dalagaa isaanii irraa qabuun doorsisaa oolu.
Sababa doorsisa isaanii kanaafis uummatni gabaa dhaqee meeshaalee hedduu bitatee ba’uuf ni yaadda’aa akkasumas caasaalee bilxiginnaas daandii gubbaatti qabuun WBOtu isin ergate jechuun irraa saamaa akka jiran maddeen aanaa Diinshoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
