ONM-ABO Bitootessa 21, 2023
Giddu gala gabaa himaa Baha Oromiyaa magaalaa Awwadaay irraa kaasuun gara magaalaa Dirree Dhawaatti dabarsuun galii daldala kana irraa argamu murna federaalaaf akka galu gochuuf deemsi eegale ifatti mul’ataa jira.
Magaalaan Awwadaay magaalota godina Baha Harargee keessatti argaman keessaa tokko yoo taatu, magaalaa daldala Jimaan beekamtuu fi magaalaa ho’ituu qonnaan bultoonni jimaa geeffachuun gatii fooyya’aatti gurguratan ta’uun beekamaadha.
Bitootessa 19, 2023 irraa kaasuun konkolaattonni jimaa fe’uun gara magaalaa Jijjigaa fi magaalota naannoo Somaalee biroo imalan deemuu akka hin dandeenye dhorkuun giddu galli gurgura Jimaa akka walii galaatti gara magaalaa Dirre Dhawaatti akka deebi’u taasisaa jiru.
Kanuma sababeeffachuun konkolaattota Jimaa fe’atanii gara magaalaa Jijjigaa qajeelaa turan konkolaattota 30 ugguruun of duuba akka deebi’an taasifamee jira.
Gochaan kun gochaa qonnaan bultoota naannoo magaalaa Awwadaay jiranii fi daldaaltota jimaa magaalaa Awwadaay keessa jiran kan gosaan Oromoo ta’an hongeessuu irratti waan xiyyeeffateef, gochaa sirna nama nyaataa kana waloon mormachuu qabnaan dhaamsa daldaaltota magaalaa Awwadaay.
