ONM-ABO Bitootessa 21, 2023
Murni diraamaa sobaa hojjechuun siyaasa isaa mijeeffatee gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu bilxiginnaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin araara taasineerra jedhuun bu’aa siyaasaa argachuuf bakkayyuu socho’aa jira.
Haala kanaanis godina Addaa Naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa Gujee keessa19, 2023tti dheengadda Bitootessa hoteela Guuteetti uummata waltajjii waamuun afaanfajjii uumaa oolan.
Dubbii waltajjii irraa kaabinootni bilxiginnaa dubbachaa turan araarri keenya WBO wajjin milkaa’eera, waraana kana araarfannee warreen Oromoo irratti duulan waliin lolla jechuun akka sabni biroon Oromoo irratti lola banuuf qophaa’e jiru fakkeessuun ololaa turan.
Haa ta’u malee sirnicha maqaa hin dha’in malee waan akka Amaarri lolaaf qophaa’ee jiruutti kaasuu yaalanis, finxaaleyyii Amaaraa Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Kaaba Shaggar, Baha Shaggar fi Walloo keessatti uummata Oromoo fixaa jiran uummata irraa qolachuuf birmatanii hin beekan.
Inumaayyuu Shimallis Abdiisaa Baahir Daaritti argamuun maallaqa miliyoonotaan tumsaa ture.
Oduma magaalaa Buraayyuu keessaa osoo hin baane ganduma Gafarsaa Gujee keessatti dargaggoota raayyaa ittisa impaayerattii goyomsaan walitti qabanii turan, waan harkaa facaateef maatiin ijoollee isaa tokko yoo kenne qarshii 15,000 akkasumas milishaan nama tokko yoo fide qarshii 3000 kenninaaf jechuun uummata waltajjii ba’eetti ololaa ooluu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.