• Sun. May 28th, 2023

Waraanni faashistii PP finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun godina  Walloo aanaa Daawwee Harawwaa keessatti uummataan Waraana Bilisummaa Oromoo galchaa fi meeshaa keessan hiikkadhaa jechaa jiraachuun barame

Mar 21, 2023

ONM-ABO Bitootessa 21, 2023

Murni faashistii bilxiginnaa loltoota isaa fi humnoota finxaaleyyii Amaaraa uummata nagaa kaaba Oromiyaa godina Walloo irratti lola erga baneen booda, Waraana Bilisummaa Oromootu achi keessa taa’ee nu lola jechaa ture.

Yeroo ammaa diraamaa isaa itti fufuun aanaa Daawwee Harawwaa keessa uummataan WBO galchaa jechaa jiru.

Kaleessa Bitootessa 20, 2023 aanichuma ganda Uraanee Salaamaa, Buukkoo Makaabee fi Aliyoo keessa, waraanni weerartuu fi humnootni finxaaleyyii Amaaraa socho’uun ijoollee keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiran hin galchitan taananii fi meeshaa uummata Amaaraa irraa hiiktan hin galchitan taanan isin ajjeesna jechaanii turan. 

Kana malees kan isin bulchu mootummaa Amaaraati, akkasumas akka bulmaata sabichaatti buluu qabdu jechuun ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti doorsisaa ooluu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Daawwee Harawwaa gabaasaniiru.

Leave a Reply