ONM-ABO Bitootessa 21, 2023
Murni uummata rakkoo keessa jirutti maqaa badhaadhinaa fi idaa’amuu faarsu bilxiginnaan, rakkoolee hawaasummaa uummatni qabaachaa jiru moggaatti dhiisuun, dararaa uummata irraan ga’u itti fufee jira.
Akka kanaanis godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Qilxu Kaarraa keessatti maqaa bishaan dhugaatii isiniif sirreesina jedhuun bishaan sirnaan hojjetu irraa cufuun uummaticha ji’a tokkoo oliif bishaan malee rakkisaa jiru.
Uummata bishaan argachaa hin jirre kanaanis maallaqa ittiin suphinu fidaa jechuun dirqiin irraa funaanaa jiru.
Haa ta’u malee yeroo uummatni maallaqa kafallee jirra, maaliif bishaan nuuf hin gadhiistanii jedhan, biyya alaatii yoo dhufe malee meeshaan ittiin sirratu hin jiru jechuun uummata goyomsaa oolu.
Kana malees aanuma Qilxu Kaarraa keessatti uummata guyyaa gabaa Roobii fi Sanbata Duraa baadiyaa irraa gabaa dhufan daandii gubbaatti eeguun saamaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.