ONM-ABO Bitootessa 21, 2023
Oromoon dachee isaa irrattii hojjeetatee akka hin jiraanneef sirnootni impaayera Itoopiyaa bulchan dura irraa kaasee hanga ammaatti ajjeesuu fi qabeenya isaa saamuu hojii bulchiinsaa taasifatanii hojjetu.
Kanumaan wal qabatee Sanbata darbe Bitootessa 18, 2023 Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Lalistuu Loophiitti waraanni bilxiginnaa haawasa nagaatti dhukaasa banuun erga bittinneessaniin booda namoota lama abbootii qabeenyaa kan maqaan isaanii Immiruu Mar’aa fi Waaqjiraa Taasisaa jedhaman qabanii mooraa Laaloo Nooraatti argamutti geessuun hidhanii dararaa jiru.
Oduma wal fakkaatuum godinichuma aanaa Qondaalaa ganda Higgii fi Carphaa jedhamu keessatti Bitootessa 14, 2023 qabeenyaa namoota lamaa doqdoqqee lama fe’achuun deeman.
Namootni doqdoqqeen jalaa fe’ame maqaan isaanii Jamaal Aliyyii fi Saadiiq Arabuu kanneen jedhamanii dha.
Armaan duras Jamaal Aliyyii Jalaa qabeenyaa mana tokko guutuu kan saaman yoo ta’u, dubartoota abbaa manaa halkan mana irra deemanii dirqiin gudeedaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffaateera.