• Tue. Dec 5th, 2023

Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo deeman humnoota  finxaaleyyii Amaaraan ajjeefaman

Mar 22, 2023

ONM-ABO bitootessa 22, 2023

Finxaaleyyiin Amaaraa rakkoo diinagdee isaanii furachuuf Oromiyaa bakkoota garaagaraa qubatan haala siyaasaa fi tumsa murna aangoo irra jiruutti fayyadamuun ajjeechaa uummata Oromoo irraan ga’an itti fufanii jiru.

Dheengadda Bitootessa 20, 2023 godina godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Mirriiggaa keessatti ilmaan Oromoo sadii badii tokko malee humnootni finxaaleyyii Amaaraa ajjeesan.

Ilmaan sadan humnoota finxaaleyyii Amaaraan ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne obbo Huseen Mahaammad nama ganna 41 yoo ta’u dubartii tokkoo fi dhiira tokko maqaa hin arganne.

Namootni sadan kun godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa ganda Caancoo irraa firoota isaanii aanaa Abee Dongoroo dubbisuu akka deeman maddeen kan ibsan yoo ta’u godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanota adda addaa keessatti lubbuun ilmaan Oromoo humnoota kanaan dhabamaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply