ONM-ABO bitootessa 22, 2023
Murni faashistii PP fudhatummaa uummata Oromoo biratti dhabe deebisee ijaarrachuuf, uummata humnaan waltajjii waamee siyaasa uummata biratti fudhatama hin qabnee fi paartii Oromoo qofa hamatu akkasumas abjuu guddina sobaa lallabu itti himaa oola.
Waltajjii akkasii kana godina Baalee lixaa aanaa Arannaa Bulluq ganda Ageetuu dabalatee gandoota aanicha cufa keessatti uummata afaan qawween dalagaa irraa oolchanii waltajjii baasuun Waraana Bilisummaa Oromoo of keessaa baasaa, WBOn biyya jeeqaa jiraa fi deggertoota WBO waliin wal maknee hin jiraannu jechuun dheengadda Bitootessa 20 fi kaleessa Bitootessa 21, 2023 uummatatti dhaadachaa oolan.
Ilmaan Oromoo aanota ollaa kanneen akka Dalloo Mannaa irraa aanicha qaxxaamuran konkolaataa keesaa buusuun gara Waraana Bilisummaa Oromoo deemaa jirtaa fi isaan biraa ergamte jedhuun poolisootni aanichaa fi milishootni isaanii konkolaataa keessaa buusanii reebaa akka jiran barameera.
Namoota aanicha keessa dargaggoota Oromoo daandii qaxxaamuraniis ta’e kanneen jiraattota achii ta’an reebuun dararu keessaa kan maqaa arganne nama Abdii Hasan jedhamu akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
