• Wed. Nov 29th, 2023

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti saamichi waraana weerartuu bilxiginnaan uummata irratti raawwatu itti fufe

Mar 22, 2023

ONM-ABO bitootessa 22, 2023

Mallattoolee kufaatii mootummaa keessaa tokko kanneen ta’an saamicha, seerdhablummaa, badii malee hidhamuu fi ajjeefamuu dha.


Mallattooleen caasaan mootummaa diigamee jiraachuu agarsiisan kun waggoottan shanan Abiy Ahimed aangoo irra jiru keessatti dabalaa dhufuun yeroo ammaa hawaasni qabeenya mana keessattis ta’e magaaa irraa baadiyaatti bitatee deemuun itti ulfaatee jira.

Dheengadda Bitootessa 20, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii irraa hawaasni baadiyaa guyyaa gabaa magaalichaatti argamuun meeshaalee garaagaraa bitatanii ba’aa turan ba’iinsa magaalichaa irratti qabamuun saamaman.
Wiixata darbe kana namoota gandoota akka Dollaa, Yallii, Gerechoo fi Yattii irraa meeshaalee dhuunfaaf fayyadamanii fi dukkaana baadiyaa tajaajilaa harreetti fe’atanii deemaa turan cufan qabuun erga buufata poolisii bulchaniin booda kaleessa harka duwwaa gadhiisan.


Namoota qabamanii guyyaa tokko hidhaa buluun qabeenya saamamanii gadhiifaman keessaa obbo Gammachuu Konchii ganda Yallii irraa meeshaalee dugda harree afurii yoo saamamu, namootni 15 ol dugda harree tokko saamuun harree dugda duwwaa ooffatanii galuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply