• Sun. Jun 4th, 2023

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 5 godina Lixa  Wallaggaa fi Kibba Baha Oromiyaa keessatti sirnicha ganuun WBOtti harka kennatan

Mar 22, 2023

ONM-ABO bitootessa 22, 2023

Waraanni bilxiginnaa aangoo Abiy Ahimed akka tiksanii fi fedhii finxaaleyyiin Amaaraa Itoophiyaa irratti qaban eegsisuuf lola isin hin ilaallanne irratti akka hirmaatan taasisuuf leenjii fudhatanii bobbaafaman sirnicha ganuun ba’aa jiru.

Haaluma kanaan Dilbata Bitootessa 19, 2023 godina lixa Wallaggaa ona Gullisoo ganda Diillaa Gogolaatti miseensonni waraana bilxiginaa sadii sirnicha ganuun qawwee AKM 3 hidhannoo guutuu waliin mooraa bilxiginnaa keessaa baasuun WBOtti harka kennataniiru.

Kana malees kibba baha Oromiyaa keessatti  miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 qawwee fi hidhannoo guutuu walii WBOtti makamanii jiru.

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo afaanfajjeessuun qabsoo bilisummaa Oromoo dura akka dhaabbataniif leenjii kennuufii bobbaasuus, ilmaan Oromoo kunneen karoora abaaramaa sirnichi baafate jiru hojiitti hiikuun baduu kan itti fufan yoo ta’u, warreen goyomsaa fi karaa dhabanii achi keessatti hafaniinis ariitiin mooraa WBO isaaniitti dhiyootti qawwee fi hidhannoo isaanii waliin makamuun sirna garboomfataatti akka xumura godhan waamicha dabarsaniiru.

Leave a Reply