ONM-ABO bitootessa 24, 2023
Magaalota godina addaa Oromiyaa naannowaa Finfinnee keessaa magaalaan Buraayyuu tokko yoo taatu, magaalattiin nagaa fi tasgaabbii dhabuun miidhaan keessatti babal’atee, ilmaan Oromoo kutaa magaalattii keessa jiraatan waraana fi kaabinoota bilxiginnaan hiraarfamaa jiru.
Bulchinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Gafarsaa Noonoo fi Dirree Cirrachaa keessatti ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa jireenyaa isaanii fooyyeffachuuf gara magaalaa Buraayyuu deemaanii hojii guyyaa hojjechuun of jiraachisan, humnaan ukkaamsuun gara dirree waraanaatti erguu fi gariin ammoo badii tokko malee mana hidhaatti darbuun rakkisu.
Manneen uummataa seeraan ala diiguu dabaalate miidhaa jajjaabaan jiraattota magaalattii irra ga’aa jiraachu odeessii magaala Buraayyuu irraa nu qaqqabe ni ifoomsaa.
Oduu biraatiin kaabinoonni magaalaa Buraayyuu faayidaa irratti wal amanuu dadhabuun, wal dhabdee jabaan gidduu isaaniitti uumamuun, wal basaasaa, aangoo irraa wal buusaa jiraachuu fi keessoon wal irratti wal ijaaranii wal diigaa jiraachuu odeessi keessoo isaanii ba’u ni addeessa.
Magaalicha keessatti torbee darbe irraa eegalanii waraana bilisummaa Oromoo waliin araaramaa jirraa jechuun ummaata magaalaa Buraayyuu waltajjii waamuun gowwomsaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.