ONM-ABO bitootessa 24, 2023
Murni impaayera Itoophiyaa itti fufee bulchuuf tooftaa ittiin uummata sodaachiseen bulcha jedhu, yeroo gara yerootti jijjiiree itti fayyadamuun bilxiginnaan gocha isaa yeroo mara keessatti itti fufuun ilmaan Oromoo boossisaa oola.
Haalumaa kanaan godina lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa keessattii waraanni faashistii PP Abiy Ahimediin bobbaafaman Bitootessa 21, 2023 magaalaa Mugar keessatti namoota bittaa fi gurgurtaaf gabaa deemaa turan konkolaataa irraa buusuun eessa akka geeffaman hin beekamin jira.
Namootni konkolaataa keessaa ukkaamfaman kun harki caalu dargaggoota ta’uun, maatiin ijoolleen isaanii eessa akka deemsifaman baruu dadhabuun shakkii dirree leenjiitti humnaan geeffaman jechu horachuun barameera.
Itti dabaluunis onuma Ada’aa Bargaa bakka addaa Reejjii Mokodaa jedhamu keessatti mana obbo Hirkoo Ejjetaa jedhamu walitti dhufeenya waraana bilisummaa Oromoo waliin qabda jechuun yakka tokko malee jalaa caccabsuun maatiin rakkoof saaxilamee jiraachuu kan nuuf ibsan maddeen armaan duras obbo Hirkoo WBO deggerta jechuun qabanii dararaa akka turan dabaluun ibsaniiru.