ONM-ABO bitootessa 24, 2023
Magaalaan Finfinnee handhuura biyya Oromiyaa fi giddu gala dargaggoota hojii barbaadanii waan taateef, dargaggoonni Oromoo golee Oromiyaa mara irraa garas imaluun keessa jiraatu.
Magaalaan Finfinnee dargaggoota Oromoo baadiyyaa Oromiyaa irraa dhufaniin weeraramte jechuun leellistoonni sirna Nafxanyaa yeroo gara garaatti wacuu fi qaamolee murna bilxiginnaa waliin ta’uun shira ilmaan Oromoo irratti xaxuun Oromoota hedduu mana hidhaatti uggursiisanii jiru.
Bifuma kanaan ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa kutaalee gara garaa irraa walitti qabamanii magaalaa Buraayyuu buufata 3ffaa keessatti waggaa 1 oliif ugguramanii jiran lakkoofsaan hedduu ta’uu fi haalli amma itti jiran hamtuu ta’uu dubbataniiru.
Qabiinsi bulchiinsi mana hidhaa sun isaaniif gochaa jiru dhala namaaf kan hin malle ta’uu fi mirga namoomaa mulqamanii jiraachuus dubbataniiru.
Beekamtii mana murtii malee waggaa 1 oliif ugguramanii kan jiran ta’uu fi maatii isaan gaafatu kan hin qabnee akkasumas warruma dhufee nu gaafatuyyuu bulchitoonni mana hidhaa sanaa doorsisa gara garaa irraan ga’aa jirus jedhaniiru.
