ONM-ABO bitootessa 24, 2023
Caasaan murna bilxiginnaa hordoffii fi to’annoo dhabuun siyaasicha jiraachisuuf qofa maqaa sochii Waraana Bilisummaa Oromoo ittisuu fi sammuu uummata Oromoo keessaa WBO haquuf bobbaafaman, hojii siyaasaatti qabachuun saamichaa fi miidhaa uummata irraan ga’an itti fufanii jiru.
Haala kanaanis godina Baalee Lixaa aanaa Arannaa Bulluq magaalaa Angeetuu keessatti guyyaa kaleessaa Bitootessa 23, 2023 qamadii gargaarsaa qonnaan bultootaaf dhufe daldaltoota dhuunfaatti gurguruun, daldaltootni sun akka gabaatti gurguran taasisan.
Kaleessi magaalaa Angeetuutti guyyaa gabaa waan ta’eef qonnaan bultootni baadiyaa aanichaa irraa gabaa dhaqan gocha kana arganii waajjira dhimmu ilaalutti iyyatanis eessaa bittanii fi akkamiin argitan jechuun reebichaa fi saamicha irratti raawwachaa turan.
Aanaan Arannaa Bulluq aanota gammoojjii godina Baalee Lixaa rooba ga’aa hin argannee fi gargaarsaan jiraattu taatus caasaan murna bilxiginnaa miidhaa uummataan daldaluun gargaarsa argamu ofiif itti fayyadamuun uummatni rakkoo keessaa akka hin baane gochaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.