ONM-ABO bitootessa 24, 2023
Jabinaa fi cichoomina Oromoo Karrayyuu hubachuun murni impaayericha bulchuu fi leellistoonni sirna nafxanyaa, finxaaleyyoonni Amaaraa, dabaree dabareen baroota dhufaa darbaa duula qndaa’aa itti banuun lubbuu namaa fi qabeenyaa balleessaa oolu.
Waggaa kanaan dura murni abbaa irree tuuta Abbootii Gadaa Michillee Karrayyuu walitti qabuun jumulaan fixinsa sanyii kan irratti raawwate yoo ta’u, miseensa Gadaa Michillee kan ta’e, Hawaas Matoo Booraa finxaaleyyoonni Amaaraa daangaa qaxxaamuruun Bitooteessa 20, 2023 ajjeesuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Hawaas Matoo ajjeechaa murni bilxiginnaa miseensota Gadaa Michillee irratti raawwate irraa hafuun yeroodhaa gara yerootti doorsisaa fi hiraarsi qaama bilxiginnaan isa irra ga’aa turus, finxaaleyyoota Amaaraan ajjeefamuu isaa maddeen dabaluun ibsaniiru.
Finxaaleyyiin kunneen lafa babal’ifannaa fi saamicha qabeenyaa raawwachuun cinaatti yeroo irraa gara yerootti duula qindaa’aa Oromoo irratti banuun miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyaa irratti gaggeessaa turuunis ni beekama.
