• Mon. Sep 25th, 2023

Murna bilxiginnaa mooraa yuuniversitii Jimmaa Kittoo Furdisaatti hojidhabdoota Tigrootaa jechuun leenjii kennaafii akka jiru ibsame

Mar 24, 2023

ONM-ABO bitootessa 24, 2023

Erga waliigaltee dhukaasaa dhabuu TPLF waliin Sadaasa 2, 2023 biyya Afrikaa kibbaa magaalaa Piritooriyaatti murni bilxiginnaa taasisee, murnichi hariiroo TPLF waliin qabaachaa ture bakka duriitti deebisuuf hojjechaa jira.

Qaamuma TPLFn bulchiinsa impaayerattii keessaa qooda kennuufii ta’e kanaan Tigroota sadarkaa barnoota Digriin eebbifamuun sanyiin fo’aman moggeeffamanii fi hidhaa baqachuun eenyummaa isaanii dhoksanii jiraachaa turan 1400 mooraa yuuniversitii Jimmaa Kittoo Furdisaa keessatti leenjii ijaarsaa fi hiriirfama humnaa kennaafii jira.

Leenjiin kun kan eegale Bitootessa 8, 2023 kan jalqabe yoo ta’u, torban  sadiif akka turu barameera.

Waltajjii kana irratti akkamiin hanga yoonaa hojii osoo hin argatin turtan jechuun, sammuu isaanii keessaa miidhaa isaan irra ga’ee irraanfachiisuuf yaalanis leenjifamtootni kun rakkoo isaan irra ga’e yaadachisuun gaaffilee garaagaraa kaasaa turaniiru.

Leenjii kana boodas miindaan isaanii qarshii 3900 ta’uu itti himuun hojii mootummaa bilxiginnaa tumsuu hojjechuun mootummaa yeroo naannoo Tigraay akka gargaaraniif qajeelfama kennuufiin akka xumuramu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa irraa gabaasaniiru.

Leave a Reply