• Thu. Apr 25th, 2024

Kaaba Shaggar ona Darraatti dararaan waraana bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaate

Mar 24, 2023

ONM-ABO bitootessa 24, 2023

Kaaba Shaggar daangaa mootummaa naannoo Amaaraatti dhiyaatu keessatti ilmaan Oromoo waraana bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan daraan irratti raawwatu hammaataa dha.

Aanicha ganda Salaalkullaa fi Gooroo keessatti waraanni faashistii PP fi finxaaleyyiin Amaaraa wal ta’uun qabeenya uummata saamaa, namoota ajjeesaa, manneen uummataa gubaa jiru.

Gandoota aanichaa keessaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhuun namoota nagaa 350 ol mooraa leenjii Sanqalleetti erga geessanii hanga ammaatti manatti hin deebine.

Kana malees namoota bulchiinsa magaalaa Adaree keessatti hidhanii jiran irraa qarshii 5000 tokko tokkoon isaanii irraa fuuchuun osoo hin gadhiisan hidhaa keessatti hiraarsaa jiru.

Murni faashistii ilmaan Oromoof mirga abbaa biyyummaa isaa tiksuufii irra, finxaaleyyii naannoo Amaaraatii dhufuun achi qubatan qawwee itti hidhee bosona keessa sochoosuun halkan saamichii fi ajjeechaan akka irratti raawwatu taasisaa jiraachuu jiraattootni ni dubbatu.

Walumaagalatti ilmaan Oromoo aanicha keessatti qaamolee murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan miidhaan irra ga’uu irraan ka’e hedduun qe’ee akka gadhiisee fi dargaggootni baqaaf akka saaxilaman dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading