ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Hidhaa akka waanta furmaata siyaasaa fidutti kan fudhatu murni abbaa irree bilxiginnaa Oromiyaa cufatti dargaggoo adamsee hidhuun hiraarsaa jira.
Haaluma kanaan Bitootessa 20, 2023 aanaa Mana Sibuu ganda Daargee Toobbaraatti waraanni faashistii PP namoota nagaa jireenya dhuunfaa isaanii geggeefatan hedduu qe’ee isaanii irraa ari’uun dargaggoo Gammachiis Taammiruu Tottoobaa jedhamu qabuun ganda Arawwee jedhamutti hidhaa erga turaniin booda yeroo hamma magaalaa Mandiitti dabarsuun mana hidhaatti dararaa jiru.
Dargaggoo Gammachiis dhalootaan onuma mana Sibuu magaaalaa Mandii yoo ta’u firroottan isaa dubbisuuf ganda baadiyaa Dargee Toobbaraa yeroo deemetti badii tokko malee qabuun hidhan
Akka maddeen keenya dubbatanitti aanaa Mandii gandoota cufa irraa namoota adamsanii hidhaa, saamaa fi ajjeesaa waan jiraniif hawaasni sodaa nageenyaa hamaa keessa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.