ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Murni afaan qawween dhibdee kaayyoo ABO-WBO waliin qabu furuuf humna waraanaa kuma dhibbootaan Oromiyaa keessatti bobbaasee jiru bilxiginnaan, duula bifa haaraan bakkoota adda addaatti geggeessuuf marii gochaa jira.
Akka kanaanis dheengaddaa Bitootessa 23, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti qondaaltotni iizii lixaa miseensota waraana kutaa waraanaa 81ffaa Anfillootti ramadamee jiruuf leenjii kennaafii turan.
Leenjii hanga kaleessa Bitootessa 24tti itti fufeen miseensota isaaniif akkaataa caasaa bulchiinsa bilxiginnaa magaalaa Muggii keessatti laamsha’e deebisanii ijaaranii fi waraana bilisummaa Oromoo magaalicha marsee jiru ittiin rukutan jedhu irratti kallattii kennaafii turan.
Haa ta’u malee miseensotni waraana bilxiginnaa lola geggeeffamaa jiru irraa faayidaa argachaa akka hin jirre kaasuun, waan deebii siyaasaa gaafatuuf maaliif lubbuu keenyaa aarsaa goona jechuun yaada waltajjii irraa dhiyaataa ture mormuun, adeemsa badii murni bilxiginnaa hordofaa jiru jibbuun miseensotni hedduun WBOtti makamanii jiru, boris maal akka ta’u hin beeknu jechuun hoggantoota afaan qabachiisan.
Murni bilxiginnaa haleellaa laalessaa WBOn aanaa Anfilloo magaalaa Muggii fi Ashii keessatti Amajjii 5, 2023 fudhateen booda, aanicha keessatti siyaasaa isaanii gadhaabuuf tattaafatanis itti hin milkaa’in jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.