ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Jaal Nadhii Gammadaa fi Baqqalaa Dawwaanoo dabalatee qabsaa’otni hedduun sirnuma kana bara bulchiinsa Wayyaaneetti qabamanii achi buutee dhabamsiifamuun maatiin karaa ilaalaa akka hafu taasisaniiru.
Guddisni sirna Wayyaanee, ilmaan PPs, sabboontota jajjaboo qabanii mana hidhaa galchuun achi buutee dhabamsiisuu jabeessee itti fufee jira.
Namoota hedduu, keessattiyyuu, lixa Oromiyaa irraa qabuun magaalaa Naqamtee keessatti hidhanii erga hiraarsaa turaniin booda manneen hidhaa sana keessaa achi buutee dhabamaa jiru.
Ayyaanaa Eebbaa fi Weellisaa Damisoo Moosisaa dabalatee namoonni hedduun mana hidhaa magaalaa Naqamtee keessa jiru keessa akka turanii fi boodarra mana hidhaa sana itti jijjijjiiraa turuun mana hidhaa sana keessaa dhabuu maatiin ni dubnatu.
Maatiin hidhamtoota kanaa manneen hidhaa magaalaa Naqamtee fi bakkoota biraa jiran keessa barbaadaa kan turan ta’uu fi hanga guyyaa har’aattillee abdii otoo hin muratiin barbaadaa jirra jedhu.
Qaamota murna bilxiginnaa sadarkaan jiran yoo gaafannus, namni deebii ga’aa nuuf kennu hanga ammaatti hin argamne, ilmaan Oromoo kunis erga hidhamanii waggaa 3 kan lakkoofsisan yoo ta’u, lubbuun jiruu fi ajjeefamanii hanga guyyaa har’aatti waanti dhageenye hin jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.