ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Taateen bara darbe magaalaa Dambidoolloo keessatti Amaanu’eel Wandimmuu irratti raawwatame bara kanas Baha Shaggar Aanaa Boosat Magaalaa Boolee keessatti irra deebiin raawwatameera!
Qeerroo Dhugoo Nuuraa Bariisoo jedhama. Dhalatee kan guddate Baha Shaggar Aanaa Boosat Ganda Siifaa Batteetti.
Barnoota isaa Digrii jalqabaa Yuunivarsiitii Adaamaatti Baayooloojiin bara 2008 eebbifame. Carraa Yuunivarsiitiin Adaamaa kenneeffitti fayyadamuun Digirii lammaffaa isaas achumatti Yuunivarsiitii Adaamaatti barachuun microbiologyiitiin qabxii gaariin eebbifame.
Achii ba’ee maatii isaa bira osoo jiraachaa jiruu harmeen isaa jalaa boqachuun isaa gadda irra jiru ganduma Siifaa Battee keessaa raayyaa ittisa impaayerittiitiin butame guyyaa tokko erga mooraa isaanii keessa of bira tursaniin booda aanuma Boosat magaalaa Boolee (Nuuraa Heeraa) keessatti uummata fulduratti baasuun ajjeesanii jiru.
Qeerroo kanaan hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun ajjeesanii reeffa isaas fuudhanii deemuun maatiin hanga ammatti reeffa argatee akka hin awwaallatiin maddeen keenya gabaasaniiru.
Sirni dargaggoota ol adeemoo fi qareeyyii ta’an nu jalaa fixaa jiru abadan firas ta’e bulchiinsa nuuf ta’uu hin danda’u jechuun jiraattonni gochaa suukkaneessaa kanatti gaddan dubbataniiru jechuun maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.