ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa jireenya mataa ofii jiraatan waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun golee Oromiyaa mara keessatti manneen hidhaa sadarkaa gara garaa irratti argaman keessatti ugguruun jiruufi jireenya dhabsiisuun cinatti sabboontota bakka itti jijjiiruun ajjeesanii gataa jiru.
Haaluma kanaan, murni bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Caalii Jimaa jedhamu keessaa dargaggoota lama manaa fuudhee aanaa Gudayyaa Biilaa keessaa baasuun aanaa ollaa ishiitti argamtu godina Horroo Guduru Wallaggaa, aanaa Jimmaa Gannatii geessuun ajjeessuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen keenya jiraattota irraa odeeffachuun akka gabaasanitti, dargaggoonni ajjeefaman kun lamaan maqaan isaanii Taaddelee Mirreessaafi Biraanuu Hamsaaluu kan jedhaman yoo ta’u, bitootessa 19, 2023 ganama sa’a 4 irratti mana jireenyaa isaaniitii qabuun Aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo geessuun bitootessa 22, 2023 ajjeesaniiru jedhaniiru.
Reeffaa qeerrowwan kanneen lamaanii maatiis ta’e firoota dhorkachuun maatiin hanga ammaatti reeffa otoo hin argatiin boo’icha ta’uus gabaasaniiru.