ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Safuu, aadaa, naamusaa fi seeraaf kan hin bulle waraanni murna faashistii PP, qe’ee Oromoo bobbaafaman cufatti shamarranii fi haawwan Oromoo dirqiin gudeedaa jiru.
Haalummaa kanan godina Baha Wallaggaa ona Waamaa Hagaloo keessatti ilmaan Oromoo hidhaa, reebicha gudeddaan irraan ga’aa turan hammeessanii jiru.
Manaa nagaan ba’ee galuun kan itti ulfaate uummanni Oromoo, dachee isaa irratti rakkoo hamtuu arguun qorqalbiin miidhamaa jira.
Dheengadda Bitootessa 22, 2023 aanaa Waamaa Hagaloo bulchiinsa magaalaa Qassoo ganda 01 kessaati shamarree maqaan ishee Tinsaa’ee Taarikuu Addunnaa jedhamtu poolisoonni humna addaa gudeedan.
Shamarree kun miidhaa gudeeddiin irra ga’een rakkoo fayyaaf saaxilamtee akka jirtu maddeen ona Waamaa Hagaloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.