ONM-ABO Bitootessa 27, 2023
Murni sodaa aangoo isaaf dargaggoota Oromoo adamsee hindu bilxiginnaan, gocha isaa kana jabeessee itti fufuun godina Lixa Harargee keessaa dargaggoota hidhaa fi hidhaa baasee achi buutee dhabamsiisaa oola.
Haala kanaanis dheengadda galgala Bitootessa 25, 2023 godina Lixa Harargee buufata poolisii magaalaa Ciroo keessaa dargaggoo maqaan isaa Ibsaa Adam Noolee jedhamu baasuun eessa akka geessan hin beekamin jira.
Dargaggoo Ibsa godinuma Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Yaabdoo Bobbaasaa jedhamu irraa maatii lamaan dura qabanii erga hidhaa tursiisaniin boots humni tika bilxiginnaa eeyyama mana murtii malee mana hidhaa keessaa fuudhan.
Maatii isaa guyyaa kaleessaa uffataa geessuufiin nagaa gaafachuuf yeroo akka dhiyeessaniif gaafatan asii deemeera, kana booda dhuftanii nu hin gaafatinaa jechuun maatii ari’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.