ONM-ABO Bitootessa 27, 2023
Godina baha Shaggar aanaa Fantaalleetti yeroo abbootin Gadaa duguugaman irraa kaasee duuti lubbuu ilmaan Oromoo haalan hammaataa dhufuu fi nageenyi uummata gaafii keessa erga galee turee jira.
Keessumaa maatii warra abbootiin gadaa irraa dhumanii jumlaan hidhuu fi uummata keessaa qaama baraterratti xiyyeeffachuun hidhaa fi ajjeechaa raawwachuun hojii guyyaa guyyaa ta’eera.
Jimaata darbe Bitootessa 25/2023 akkuma waggaa darbee sanitti waraanni mootummaa warra Gadaa bakka Kaarraa jedhamtutti argamuun hambaa warra dhumanitti deebi’uuun reebicha fi saamicha erga raawwataniin booda meeshaa uummanni qabu tokko osoon hin hambisin fudhatanii jiru.
Hanga namni lubbuun baate jiraatuu baatus namni 4 du’aa fi jiraa gidduu akka jiranii fi namni bakka sanaa fuudhee mana yaalaallee geessuu akka hin dandeenye odeessi achii ba’e ni addeessa.
Ifatti Gadaan akka baduuf duguuggaa qe’ee Karrayyuutti raawwataniin daa’imman Abbaa hin qabnee fi dubartii Abbaa manaa malee hambisanii har’as miidhaa qaqqabsiisuu itti fufanii jiru.
Akka hawaasni naannichaas, uummanni Oromoo akkuma dhugaa Abbootii Gadaa Karrayyuu nu waliin dhaabbattanii gurra addunyaatiin geessan har’as maatii isaanii warra hafee fi maqaa Gadaan kan qaamni jibbiinsan guutame nurratti raaww’ataa jiru kanaaf akka gurraa fi sagalee nuu taatan jechuun dhaammataniiru.
