ONM-ABO Bitootessa 27, 2023
Murni faashistii PP sochii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessaa balleessuu yoo dadhabe sochii WBO dadhabsiisuu jedhu qabatee humna waraanaa maqaa garaagaraan leenjisuun qe’ee Oromoo ittiin goolaa jira.
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessa Sanbata darbe Bitootessa 25, 2023 poolisoota humna addaa Oromiyaa ofiin jedhan baay’inaan qubsiisuun uummata gooluu itti fufanii jiru.
Poolisootni humna addaa kun yeroo darbe guyyoota shaniif godinichuma magaalaa Bureetti leenjii fudhachaa akka turuun dirqama jedhamuun bobbaafaman.
Akka odeessi nu qaqqabe ifoomsutti ergamtootni impaayera Minilik kun sochii Waraanni Bilisummaa Oromoo lixa Wallaggaa irraan godinichatti taasisuu fi godinicha keessatti tarkaanfii fudhatu itti dhaabsisuuf akka ta’e ibsu.
WBOn godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gootuutti waraana Abiy Ahimed buqqisee dhuunfachuun ni yaadatama.